رحمت مزين دشو
_2 _April _2013هـ الموافق 2-04-2013م, 01:58 AM
بسم الله الرحمن الرحيم
المقدمة
DURSEE
Faaruun kan Rabbiiti, isa faarsina, isuma gargaarsifannas, waan hamtuu lubbuun keenya itti nu ajajjuufi badii hojii keenyaarraa Rabbitti majanfanna, nama inni qajeelche kan jallisu hin jiru, nama inni jallisemmoo kan qajeelchu hin jiru, inni tokkicha kan gabbaramuu haqa godhatuufi kan wanti isatti qixxaa'u akka hin jirre ragaan ba'a, akkasumas Nabi Muhammad garbichaafi ergamaa isaa ta'uu ragaan baha.
Kanatti aansee:-
Duraan dursee garbicha kamirrattiyyuu wanti dirqama tau, waan amantiin isaa itti qajeeluufi waan dallansuu Rabbiitiifi adaba isaa jalaa ittiin baraaramee, Rahmata Rabbii ittiin argatu barachuudha.
Kitaaba kana keessatti barnoota sassalphaa bu'uura amantii ibsantu barreefamee jira. Kunis akka barataan bu'uura amantiifi waan namni tokko ittiin islaama ta'u baratee, miidhaa kufrii fi fokkina isaa, akkasumas waan islaamummaa diiguufi waan isa hir'isu baree ofirraa eeggatee, namas eeggachiisuufi.
Barnoota kana keessatti wantoota hundarra barbaachisoo ta'an qofaafi hundeeewwan amantii keessaa kan baruufi itti hojjechuun dirqama ta'u qofan dubbadhe, maalif yoo jedhame akka namni reef barumsa jalqabu karoora taasifatuufi namni takka baratemmoo yaadannoo godhatee, hayyuuleenis galaa taasifataniif jechan akkas godhe.
Haa ta'uu Rabbiin ol ta'e dalagaa kana qeebaltii gaariin narraa qeebalee, akka barakaa keessa naa kaa'u, akkasumas kan namni ittii fayyadamu akka naa taasisun kadha, Inni faarfamaa fi kabajamaadha.
رحمت مزين دشو
_20 _May _2013هـ الموافق 20-05-2013م, 12:44 AM
BARNOOTNI 1FFAAN
IBSA HIIKA SHAHAADA LAMMANII
(LAA ILAAHA ILLALLAAH) jechuun dhugaan kan gabbaramu Rabbii tokkicha malee hin jiru jechuudha.
(ILAAH) jechuun kan gabbaramu jechuudha. Wanni Rabbiin maleetti gabbaramu hundi isaa fudhatama hin qabu. Namni Rabbiin malee waan biraa gabbaru inni MUSHRIKA akkasuma KAAFIRA jedhama. Akkuma Rabbi jedhe:
"Namtichi Rabbiin biratti gooftaa kan biraa waammatu, ragaa tokkollee kan itti hin qabne , inni herregni isaa Rabbii isaa biratti, Haa ta'uu kaafirootni tasuma hin baraarfaman)). "mu'minuun".
Rabbii wajjin Waan tokkoyyuu gabbaruun hin ta'u, utuu Nabiyyii ergamaa ta'eellee, ykn Malaa'ikaa Rabbitti dhiyoo ta'eellee, ykn Awliyaa gaggaarii utuu ta'eellee akkasumas mukas ta'u, dhagaas wantoota kana malee jiranis taanaan, kan Ibaada ykn gabbaramuu haqa godhatu Rabbi tokkicha waan ta'eef. kanumaaf jecha nu uume.
Rabbi akkana jedha: "Jinniis ta'u namas wantin uumeef akka isaan na gabbaraniif malee waan birootiif miti". Zaariyaat 56).
Ammas Rabbiin akkana jedha…..
"Jedhi yaa Muhammad inni Rabbi tokkicha".
Ammas Rabbiin akkana jedha "Gooftaan keessa Rabbii tokkicha kan isa malee gooftaan haqaa kan biroo hin jirre yoo ta'u inni akkaan kan nama marafatuu fi tola namaa ooluu dha".
Ammas Rabbiin akkana jedha "Inni jiraataa bara baraati ,isa malee kan gabbaramuu haqa godhatu kan hin jirre waan ta'eef amantii keessan isumaaf qulqulleessaati isuma kadhadhaa."
Hiikni Tawhiidaa isa kana , Tawhida jechuun utuu isa biratti waa hin qindeessin, akka Rabbiin malee waan biraa hin gabbarretti, Ibaadaadhaan Rabbiin tokkichoomsuu jechuudha, Tawhiida kanaani kan Rabbiin ergamtoota isaa hundayyuu erge.
Rabbi akkas jedha:- …..
"Ergamoota si dura darban kamiiniyyuu ana malee gabbaramaan haqaa waan hin jirreef anuma qofa gabbaraa jennee wahyii itti buufnu malee hin dhiifne". Anbiyaa 25.
Ammas akkas jedha:-
"DHugumaan ummata hundatti ergamaa ergineerra akka isaan Rabbiin gabbaranii xaaguuta irraa fagaataniif". Rabbi Qur'aana isaa keessatti akkaataa ergamoonni isaa ummata isaanii waliin dabarsan nuu ibsee jira, akkasumas waamichi ergamtoota inni jalqabaa gara tokkichummaa Rabbii akka ta'es nuu ibseera. Akkuma milkaayina warra isatti amanee waamicha ergamtootaa fudhatee nuu ibse hongaayina warra isatti waa qindeessee waamicha ergamtootaa fudhachuu didees nuu ibseera.
Rabbi akkas jedha:-
"dhugumaan Nabi Nuuhiin gara ummata isaatti erginee jirra innis yaa ummatakoo Rabbii tokkicha isin uume sana gabbaraa isa malee gooftaa kan biraa hin qabdani, ani Azaaba guyyaa guddaasanan isinii sodaadha" jedheen. A'raaf 59.
Ammas Rabbi akkana jedha:- "
"Ummata Aad jedhamuttis obboleessa isaanii kan ta'e HUUD nama jedhamu itti erginee, innis yaa ummatakoo Rabbi tokkicha gabbaraa isa malee gooftaan biraa hin jiru"jedheen. A'raaf 65.
Ammas: "
"Ummata SAMUUD jedhamuttis obboleessa isaanii SAALIH kan jedhamu itti erginee, innis yaa ummatakoo Rabbi tokkicha gabbaraa isa malee gooftaa kan biraan isiniif hin jiru jedheen". A'raaf 72.
Ammas:-
"Gara ummata Madyanittis SHU'AYBIIN erginee, innis yaa ummatakoo Rabbi tokkicha qofa gabbaraa isa malee gooftaan kan biraa isiniif hin jiru"jedheen. A'raaf 85.
Ammas akkana jedha:- "
"Isa IBRAAHIM abbaa isaa fi ummata isaatiin jedhe sana yaadachiisi, innis akkana jedhe Ani waan isin gabbartan hundarraa qulqullaa,e, Rabbi isa na uume malee inni na qajeelcha". AL Zukhruf 26-27.
Ammas akkana jedha:- "
"Mee isin yeroo YA'QUUB itti du'i dhufe bira jirtu turtani?! Yeroo inni ilmaan isaatiin ergan du'ee booda maal gabbartu jennaan, gooftaa keetii fi gooftaa Abbootii keetii jarris:- Ibraahim, Ismaa'ilii fi Is-haaq kan ta'e Rabbi tokkicha sana gabbarra, nuti isatti harka kennineerra jedhaniin". AL Baqara 133.
Ammas akkana jedhe:- "
"Yuusufis akkana jedhe gooftolii adda addaamoo Rabbii tokkicha mo'ataa waa hundaa sanatu caalare" jedhe. Yuusuf 39. Akkasumas waamichi nabiyyii keenyaas kan isaan addunyaa cufatti ittiin ergaman tokkichummaa Rabbiitti nama waamuu ture.
Akkuma Rabbi Qur'aana keessatti dubbate:-
"Nuti akka ati addunyaa cufaaf rahmata taatuuf malee sin ergine. waanti natti ergamu akka gooftaan keessan gooftaa tokkicha sana qofa ta'eedha islaama hin taataniiree jedhiin ". Anbiyaa 107-108.
Nabiyyiinis Makkatti ummata isaanii waamichuma tokkichummaa Rabbii kanaan jalqabanii "Rabbi tokkicha malee hin gabbarinaa, taabota gabbaruurraa fagaadhaati "LAA ILAAHA ILLALLAAH" Jedhaa jennaan irra-hedduun isaanii boonanii, jecha tawhiidaa kana dhaga'uu didanii,
Akkuma Rabbi qur'aana keessatti dubbate sana ta'an:-
"Isaan yeroo Rabbi tokkicha malee wanti gabbaruu haqa godhatu hin jiru jedhaniin ni boonani nuti gooftolii keenya weellisaa maraatuu kanaaf jecha dhiifna jedhu". Saaffaat-35-36.
Rabbi jecha isaanii irratti deebisee akkana jedhe:-
"Dhugumaan haqa qabatee dhufe, akkasumas ergamootas kan dhugoomsu ta'ee dhufeera". Saaffaat 37.
Jechi tawhiida ishiidhumatu jecha haqaati, kan ergamtootni nabiyyii dura darban hundi itti waaman akkasumas kan Nabiyyiin keenya itti waamanis kanuma. Kuffaarri qurayshiis waamichi gara tawhiida waan Rabbiin malee jiru gabbaruu dhiisuutti akka ajaju hubatanii tawhiidni yoo shirkiirraa fagaatan malee akka hin mirkanoofne hubataniiru Laa ilaaha illallaah jechuun isaa isa kana.
Umar ibn khaxxaab-t- akka dubatetti Ergamaan Rabbi(e) akkas jedhan "Namootni hanga isaan Laa ilaaha illallaah jedhanitti loluuttin ajajame namtichi jecha kana jedhe lubbuu isaatii fi horii isaa narraa tikfateers yoo haqa biraa kan lubbuu fi horii isaa baasisu yoo ta'e malee, herregni isaa Rabbirra"jedhan. Bukhaarii fi muslimtu gabaase. Rasuulli (r) yeroo xalayaale isaanii gara mootummoota adda addaatti ergan garuma tokkichummaa Rabbiitti waamaa turan.
Ibnu Abbaas(t) akka dubbatanitti ergamaan Rabbii(r)-"HIRAQLA kan jedhamu mooticha ROOMAAtti akkas jechuun xalayaa itti erganiiru-(maqaa Rabbi rahmata guguddaa fi xixiqqaa qabuunin jalqaba. Muhammad ergamaa Rabbiirra gara Hiraqla mooticha Roomitti kan ergamu, nagaan nama qajeeluma hordoferra haa jiraatu.
Kanatti aansuun:- Ani waamicha islaamaatiinan si waama, yoo Islaama taate nagaa taata, Islaama ta'i Rabbi miindaa kee dacha godhee sii kenna, yoo diddee islaamummaa kanarraa garagaltemmoo wanjalli warra si hordofee (amanti ati hordofturraa)sirra jira.
"Yaa warra kitaabni isiniif kennamee (Yahuudaa fi Nasaaraa) kottaamee gara jecha nuufi isin gidduutti wal-qixa ta'ettan isin waama, innis Rabbi tokkicha malee kan biraa gabbaruu dhabuu, isatti waa qindeessuun maleetti, gariin keenya garii gooftaa taasifachuu dhabuudha Rabbiin gaditti. Yoo isaan irraa garagalan egaa nuti Islaama taaneerra ragaa nuu bahaa jedhaanii". Aala -imraan 64.
Xalayaadhuma kana fakkaatu KISRAA mootii FURSII, MUQAWQIS mootii QIBXII, mooticha HABASHAA ttis, JIIFARII fi IYAAZ ilmaan julanda UMAANI tti, HAWZAA ilma ALI YAMAAMA tti, MUNZIR ilma SAAWAA HAJAR itti, ibn abii SHAMR ALGHASSAANII ttis xalayaadhuma kana fakkaatu erganiiru. Jarreen amma dubbanne kun mootolii yeroo nabiyyiin(r )jiran turaniidha. Muslim akka gabaasettimmoo Nabiyyiin mootolii hundatti xalayaa waamicha gara Rabbi qabu erganiiru.
Ibn Abbaas (t)akka nuun gahetti Rasuulli(r) yeroo MU'AAZIIN gara YAMANItti ergan akkana jedhaniin"Ati gara warra kitaabni kennameefii deemta waan ta'eef jalqaba wanni ati itti waamuu qabdu gara tokkichummaa Rabbii haa ta'u "jedhaniin.
Tawhiidni furtuu namni ittiin islaamummaatti seenu yoo tahu,namni isa hin qabaatin islaama ta'uu hin danda'u, yoo waan tawhiida kana diigu hojjete Kaafira akkasumas Mushrika kan karaa islaamummaa irraa bahe ta'a.
Mu'aaz ibn jabal (t)akka jedhetti ergamaan Rabbii(r) akkana naan jedhan jedhe "yaa Mu'aaz haqa Rabbi gabroottan isaarraa qabu beektaa?" Rabbi fi Rasuulatu beekan jedheen, jennaan "haqni Rabbi garboota isaarraa qabu isa qofa gabbaranii isatti waa qindeessuu dhabuudha". Ammas akki jedhan "yaa mu'aaz haqa gabrootni Rabbi biraa qaban hoo ni beektaa?" Jennaan Rabbii fi ergamaasaatu beekan jedheen , jennaan akki jedhani "Haqni garbootni Rabbi biraa qaban yoo isaan isa qofa gabbaranii isatti waa qindeessuu baatan isaan gubuu dhabuudha"jedhan. Bukhaarii fi muslimtu gabaase.
Garbichi tokko Rabbi tokkicha malee wanti gabbaramuhin jiru jechuu ragaa bahe, wanti gabbaramu hundi Rabbi malee fudhatama akka hin qabne ragaa baheera. Akkasumas akka Rabbi tokkicha malee gabbaruu hin qabne mataa isaa irratti ragaa baheera.
Islaamummaan Rabbi itti nama ajaje isa kana.
Rabbi akkana jedha:-
"Jedhi ani waan isin Rabbii gaditti waammattan kan ragaalee tokkollee Rabbii koorraa natty hin dhufin gabbaruurraa dhorkameen, Rabbii aalama hunda kan ta'e sanatti of kennuuttin ajajame jedhiin". Ghaafir 66.
Ammas Rabbi akkana jedha:-
"Amantii kana isaaf qulqulleessanii karaa sobaarraa gara dhugaatti goranii Rabbi tokkicha gabbaruutti, akkasumas sagada heeraa fi seera isaa eeganii sagaduu fi zakaa baasuutti malee hin ajajamne". Al bayyinah 5.
Ammas Rabbi akkana jedha:-
"Amantii keessan Rabbiif qulqulleessaati isa qofa waammadha, utuu warri kaafirootaa kan jibban ta'anillee". Ghaafir 14.
Ammas akkana jedha:-
"Jedhiin mee isin yaa namootaa, yoo amantii koo kana kan shakkitan(mamtan) taatan, warren Rabbi gaditti gabbartan sana hin gabbaru, Rabbii isa isin ajjeesu sanan gabbara malee, ani akkan warra amanerraa ta'uttin ajajame jedhiin, akkasumas fuula kee gara amantii kanaatti garagalchii karaa sobaarraa gara dhugaatti gorii, warra Rabbitti waa qindeessurraammoo hin ta'injechuuttin ajajame, ammo waan Rabbi gadii kan si fayyaduu ykn si miidhuu hin dandeenye hin waammatin, yoo kana kan gootu taate ati gaafas warra lubbuu ofii miidherraa taata". Yuunus 104-106.
IJOO DUBBII WAAN DARBE KANARRAA
-Laa ilaaha illallaah jechuun hiikni isaa kan dhugaan gabbaramu Rabbi tokkicha malee hin jiru jechuudha.
-Tawhiidni yoo shirkiirraa fagaatan malee hin mirkanaa'u.
-Kaayyoon nuti uumamneef Rabbi tokkicha kan wanti isatti qixxaa'u hin jirre sana gabbaruudha.
-Namni Rabbiin malee waan jiru gabbare, inni mushrika kaafira.
-Ergamaan kamiyyuu ummata isaa gara tawhiidaatti waamee shirkiirraa fagaachuutti akka isaan ajajuuf ergame.
-Hundeen(bu'uurri)waamicha ergamaa Rabbi waamicha gara tawhiidaati, kanaaf ummata isaanii gara tawhiidaatti waamuudhaan jalqabanii, gara mootolii adda addaattis xalayaa isaanii waamichuma tawhiidaa kana itti erganii sahaabota isaaniis waamichi isaanii inni jalqabaa akka gara tawhiidaa ta'u ajajan.
-Tawhiidni haqa Rabbi gabroottan isaa irraa qabuudha.
-Namni Rabbiin hin tokkichoomsin utuu islaamummaa kan himatu ta'eellee muslima hin jedhamu.